Akkataa maallaqa Australia hubachuuf gara gartuu Kaayyoo kottu waliin dubbannaa
Eessa: 12 Holland Court, Flemington
Yoom: Roobii Waxabajjii 12, san booda ammas Roobii, Ramadaan booda, torban shaniif (Adolessa (August) 21, Birraa (September) 4, Birraa (September) 18, Onkololessa (October) 16 fi Onkololessa (October) 30)
Sa’aa: 10gn (am) hamma 1wb (pm)
Laaqannii fi dhugaatii lallaafaan ni jira.
Afaan Oromoo kan deebisan/hiikan akkasumas daa’ima kan eegan naannoo irraa ni qopheessaman.
Mata-dureen irratti mariyatuuf karoorsanne hangi takka akka armaan gadii kana:
- Akkataa baankiin Australia itti dalagu hubachuu, kunis maallaqaa, sobbooqaa (interest) fi durs-idaa (credit card)
- Jireessi (bills) hubachuu, qusii fi baasii jireessii sirnaan karoorsachuu
- Kard-hirpheessa (concession card) fi gati-hir’isa akkamii akka argattu
- Warreen gurgurtaaf ulaa irra deemaniis tahe bilbila dhawan akka itti if irraa to’attu
- Man-jireenya ummataa (Public Housing), Centrelink fi mirga ati qabdu
- Wilii seenuun (contract) maali? Mallattoon kee seeraan aboo akkamii akka qabu hubachuu
- Adabbii maallaqaa akkamiin akka furattu
Gaaffii yoo qabaatte, ykn dhufuu kee nu hubachiisuuf bilbila: Karima 0431 456 831 ykn Shifrah – Women’s Health West – bilbila: 9689 9588 dhawi.